๐ง๐ฎ๐ฟ๐ธ๐ฎ๐ฎ๐ป๐ณ๐ถ๐ถ ๐๐๐๐ฟ๐๐ผ๐ผ: ๐ฆ๐ฒ๐ฒ๐ป๐ฎ๐ฎ ๐๐๐ณ๐ฎ๐ฎ๐๐ถ๐ถ๐ณ ๐๐ฒ๐ฒ๐ธ๐ฎ๐บ๐๐ถ๐ถ ๐๐ฒ๐ป๐ป๐๐
Dhimmi jijjiiramaa, mootummootafi dhaloottan dhufaa darbaniif dhaadannoo ijoo barootaa ture. Haataโu malee, yaaliiwwan jijjiiramaa barootaaf taasifaman fuulduratti nuqaarisuu hindandeenye. Galmi kun abjuu guyyaa keessaa taโee hafuun, misooma hawaas-dinagdeefi ijaarsa sirna siyaasaatiin addunyaa biraa akka mujujnee hafnu taโeera. Haalli asirraa kaโee umames, gaaffilee ummata keenyaa barootaaf kuufaman deebisuuf, akkasumas dantaa isaa idil-addunyaatti kabachiisuuf kan nudandeessisuu miti.
Sakaallaan kun sababoota garagaraatiin dabaalamuun ittuu gabaabbataa dhufee asgaheera. Sababoota kanniin keessaa isaan buโuuraa lama addatti yoofudhanne: inni duraa, daandiiwwan rakkoolee keenya furuuf filataman irra caalaan isaanii hanqinaalee qabaachuu isaaniiti. Daandiiwwan kunniin gosoota rakkoolee keenyaa kan hinhubanne qofa osoo hintaane kalaqaan kan hinmasakamne turan. Lammata, rakkooleen kunniin qananii yeroo kan hinkennine taโuu osoo hinhubatin hafuun keenya, imalli furmaataaf taasisaa turre imala qocaa akka taโu gochuu isaati. Kanarraa kan kaโe, fooyyaโiinsi galmeessinefi sonni daballe rakkoolee numudata turan waliin kan wal hinsimne turan.
Rakkoon keenya addunyaan jijjiiramaafi guddinaan fagootti nudhiisee qaariโuu qofaa miti; naannawa ariitiin jijjiiramaa jiru keessatti deebiin nuti kenninu harkifataa taโuu isaati. Daandiin nuti hordofne, kan rakkooleen keenya irra turan irraa kan fagaate, ariitiin nuti ittiin imalle sadarkaa rakkooleen keenya itti tuulamaa turanirra qususaa ture.
Yaadamni Idaโamuu, seenaa kufaatii kanaaf beekamtii kennuun, kaโumsa tarkaanfii ceโuumsaati jedhee amana. Dhugaa hadhaawaa kana dheessun guuchii morma ishee cirracha keessa awwaaluun balaa miliquuf yaaltuun (ostrich effect) adda miti. Ceโuumsi tarsiimaโaa haala qabatamaa ofii fudhachuu irraa jalqaba. Fakkeenyaaf, toorawwan xiyyeeffannoo mootummaa keenyaa: qonna, magaalomsuu, indastiroomsuu, misooma turizimiifi dinagdee dijitaalatiin eegee addunyaa taโuu keenya fudhachuun ukukkubnee turuurra daandii qajeeladha.
๐๐ข๐ซ๐ช๐๐๐: ๐๐๐๐ฅ๐ ๐๐๐๐๐ญ๐๐ฆ๐๐ ๐๐จ๐จ๐ซ๐๐ฐ๐ฐ๐๐ง ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐๐๐๐๐๐ง๐ง๐จ๐จ ๐๐๐๐ง๐ฒ๐๐:
๐๐๐๐๐: Addunyaan qonna gateettii qotiyyoorraa kan buuse jaarraalee lamaafi walakkaa dura warraaqsa indastiraalaa gulantaa duraatini. Inumaayyuu dhiibbaa olaanaa qonna irratti uumeen โwarraaqsa mekaanaayizeeshiniiโ jechuun waamama. Harโa qonni ammayyaa safarrii-muraa (precision agriculture) keessa galuun gulantaa birootti ceโaa jira.
Nubiratti qonni harโas gateettii qotiyyoofi humna namarraa buโuu hindandeenye; omishtummaadhanis jeejee oolchurra kan taru miti. Qonnaan bulaan keenya biyyee gabbataa, bishaan bonaaf ganna yaaโu, duudhaa hojii cimaafi argama tarsiimaโaa qabaatus hiyyummaa dhuma hinqabneefi jireenya harkaa-gara-afaanii keessatti akka hidhamu taโeera. Dameen qonnaa sirnakkoo dinagdee ammayyaarraa waan dhiibameef, gulantaan biraa haahafuu, dhiyeessaa galtee dheedhiillee taโuuf reeqqisaa jira.
Dameen qonna xiyyeeffannoo dursoo mootummoota dhufaa darbanii taโee sadarkaa kanatti boodatti yoohafe, dameeleen hafan sadarkaa maaliirra akka jiran raaguun rakkisaa hintaโu. Haataโu malee, dilbiin kanarratti qabnu adeemsicha jijjiiruu akka dandeenyu nutti hima; carraan qonna keenya kallattiin gara teknoolojiitti utaalchisuuf (leapfrog) qabnu baldhaafi haaraadha.
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐: Imalli magaalomsuu idil-addunyaa hedduu tarkaanfateera. Harโaan tana walakkaan ummata addunyaa magaalaa jiraata. Biyyoonni lakkoofsan xiqqaa hintaane ammoo ummata magaalaa jiraatu %80 hanga dhibbentaa 100โtiin gahaniiru. Hundumtaa omisha addunyaa (GDP) keessaa %80 magaalota irraa kan madduudha.
Nubiratti ilaalamni magaalota akka motora dinagdeetti fudhatuyyuu goonkumaa hinturre; reefu dhalachaa jira. Hammantaan magaalomsuu (urbanization rate) naannoo keenyaa %20 hincaalu. Lakkoofsi kun giddugaleessa biyyaatii (national average) gadi. Kana malees, jiraataan magaalaa walakkaatti dhiyaatu kallattiin hojii qonnaa mala aadatiin gaggeeffamu irratti kan bobbaโe. Kun ammoo hoji-manee guddaan fuuldura keenya jiraachuu nuhubachiisa.
๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐: Biyyi keenya warraaqsaalee indastiraalaa addunyaa irraatti gaggeeffamaan irraa fagoo turte. Yaaliiwwan darbee darbee indastirii babaldhisuuf taasifamanis, yaadama sirriin buโuuruu dhabuun milkaaโuu hindandeenye. Adeemsi kun biyyi keenya kiyyoo hariiroo waljijjiirraa loogaa (unequal exchange) keessatti akka kuftu taasiseera. Omisha qonnaa dheedhii gatii rakasaan alatti ergitee, omisha warshaalome gatii qaaliin bituuf dirqisiisera. Kunis biyya daldala luuccaโaa (trade imbalance) keessa galchuun rakkoo sharafa alaa keessa akka turtu taasiseera.
Akkasumas, indastiriin keenya humna omishaa baadiyyaafi qabeenya umamaa keenya waliin hidhata omishaa amansiisaa (production linkage) uumuu hindandeenye. Kunammoo, dargaggoonni keenya carraa hojii akka dhaban, eebbi dilbii keenyarraa argamu akka qisaasaโu, darbees dinagdeen keenya akka hirkataa taโu taasiseera.
๐๐๐๐๐๐๐๐๐: Addunyaa harโaa keessatti turizimiin utubaa badhaadhina dinagdee taโeera. Biyyoonni hedduun horata qaban kamuu gara hawwata turizimiitti jijjiiruu dandaโaniiru. Hundumtaa omisha addunyaa keessaa gaheen turizimii %10 (gara USD Tiriiliyoona 10โtti dhiyaatu) taโa. Dabalataanis namoota mil. 400โtti dhiyaataniif carraa hojii uumera. Lakkoofsi lachuu ariitiin dabalaa adeemuu barteen jiru niโagarsiisa.
Biyya keenyatti, misoomni turizimii waggoota hedduuf maqaa qofa qabatee akka turu taโeera. Dilbii olaanaa gama qabeenya umamaa, dhaala seenaafi horata aadaatiin qabnu ittiin dhaadachuurra dabarree dinagdeetti hinjijjiirre. Haala qilleensaa mijatoo, teessuma lafaa hawwatoo, lub-daneessummaa olaanaa, hambaalee kiliyaafi miti-kiliyaa nam-tolchee dinqisiisoo qabnu tajaajila baramaafi waqtii muraasa qofaaf gabeessaa turre. Kanarraa kan kaโe, ummanni naannawaa, keessumaa dargaggoonni, qoteefi horsiisee bultoonni dilbii kanarraa fayyadamoo hintaane. Dabalataanis damichi gombisaa dinagdee waliigalaa keessatti gahee bahachuu qabu akka hinbahane taโeera.
๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐: Warraaqsi indastiraalaa afreesson ittifayyadama ragaa gurguddaa (Big Data), toorarroomsa (IoT)โfi dijitaalomsa babaldhisuun fooyyaโiinsa sirna bulchiinsaa, hojmaataafi qulqullina jireenyaa dhugoomsera. Warraaqsi kun harโa gulantaa shanaffaa keessa galeera. Gulantaan kun hubannoo namtolchee (AI) irratti xiyyeeffatee saffisa hintilmaamamneen tarkaanfataa jira. Biyyoonni heddu qophaaโummaa imaammataafi buโuuraalee misoomaa qaban ariitiin gara kanatti duufaa jiru.
Biyyi keenya gama kanaaniis imala milkaaโaa hintaasifne. Harโas sirna bulchiinsaa harkifataafi iftoomina hinqabne, hojmaata xaxamaafi danqaa keessaa hinbaane. Buโuuraalee misooma dijiitaalaa dadhaboon, imammanni iftoomina hinqabne, dhaabbileen quucaroofi gufuuwwan biroo biyyi keenya gama kanaan akka hindammaqne taasisaniiru. Kunis hanniifi loogiin tajaajila mootummaa keessatti akka hidda gadifageeffatu, dargaggoonni keenya hanqina hubannoo teknoolojiirraa kan kaโe carraalee hojii idil-addunyaarraa akka adda citan taasiseera. Sirni dinagdee keenya al-idileefi dorgomummaa kan hinqabne akka taโufi imalli misooma ittifufaa akka gatatu taโee jira.
Rakkooleen gurguddoon toorawwan xiyyeeffannoo shanan keessatti numudatan kunniin, ofii isaaniitti dhukkuba buโuuraa osoo hintaane, mallattoo dhukkubichaati. Maddi dhukkubichaa inni guddaan eessa jira? Maaliif maraammartoo kana keessa deddebine?
๐๐โ๐ฎ๐ฎ๐ฆ๐ฌ๐ ๐๐ฎโ๐ฎ๐ฎ๐ซ๐๐: ๐๐๐๐ข๐ข๐ง๐ฌ๐ ๐๐ข๐ซ๐ง๐๐
Yaadamni Idaโamuu, imalli jijjiiramaaf taasifnu, rakkoo numuudate akkasumas maddaafi umama (anatomy) isaa gadifageenyaan qorachuu irraa jalqabuu qaba jedhee amana. Buโuuruma kanaan rakkoon numuudate ๐ช๐จ๐ฉ๐ฐ๐ฐ๐ต๐บ๐จ ๐บ๐ฐ๐น๐ต๐จ๐จ taโuu kaaโa. Cabiinsi sirnaa ๐๐๐ฟ๐๐ผ๐ผ๐๐๐ ๐พ๐ผ๐ผ๐๐ผ๐๐ผ๐ผ (structural and superstructural constraints) baroota hedduuf kuufaman irraa kan maddeedha. Kunis biyya keenya cabiinsa sirna siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa bar-dhibbeewwaniif hidda gadifageeffataniif saaxileera.
Akkuma armaan olitti kaaโuuf yaalame, dogoggoroota dhukkuba biyya keenyaa hammeessan keessaa tokko gosaafi sadarkaa irra jiru hubachuu dhabuudha. Akkasumas qoricha haara galfii yeroo kennuun (pain killer) damdamachuuf yaaludha. Dhiibbaan hudhaalee caasawaa akka bubbee yeroof dhukkee kaasee darbuu, salphaatti kan maqfamuu miti. Adeemsa seenaa, ijaarsa dhaabbilee adamsoo (predatory) akkasumas sirna siyaas-dinagdee akka feeteen lafa qabateera.
Dhiibban isaas baraa baratti kan bargaafate. Sochii (performance), buโa qabeessummaafi misooma yeroo dheeraa guutumatti danqeera. Walsima dhabuun (misalignment) buโuura dinagdeefi caasaa olaanaa (sirna siyaasaafi dhaabbilee) gidduutti uume, ijaarsa caasaa (architecture) mootummaafi hawaasaa keenya daran miidhera.
๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐
Cabiinsi sirnaa siyaasa biyya keenyaa buโuuraan hanqinoota sirna bulchiinsaa, adeemsafi hirmaachisummaa imaammataa, akkasumas qoodiinsa aangoo keessatti baroota dheeraaf kuufamaa turan irraa madda. Adeemsi kun aangoo mootummaa harka namoota dhuunfaatti kuusuun, dhaabbilee taโe jedhamee akka dadhaban taasisuun, akkasumas mirga hawaasaafi duudhaalee dimokraasii laaffisuun kan of-ibsaa ture.
Yeroo dhihoollee, sirnumti federaalizimii danummaa biyya keenyaa akka hammatu yaadamee hojiirra oole, walmorkii eenyummaafi walballeessuutti (zero-sum) jijjiiramee ture. Gama kanaan, naannoo keenya addatti yoofudhanne, osoo harkisa dinagdee, hawaasummaafi ummata biyya keenya taโee jiruu, moggeeffama siyaasaa, gatata ijaarsa sirnaafi laafina dhaabbilee baachuuf dirqamee ture.
Walumaagalatti, seenaa biyyummaa jaarraalee hedduu qabaannus, cabiinsa sirna siyaasaa hudhaalee caasawaatiin muudate, dhaabbilee dadhaboo, sirna bulchiinsaa reeqqisoo, qoodiinsa aangoofi qabeenyaa loogaa, darbees duudhaalee demokraasii hongaaโatti nuhambiseera. Kana malees, amanamummaan ummanni mootummaa irratti qabu akka laafu, murteewwan buโa qabeeyyin akka hindabarre, akkasumas biyyi akka hintasgabboofnefi muldhata waloo akka hinrimoofne taasiseera.
๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐:
Gufuuleen caasawaa sirna dinagdee keenya gahumsa waliigalaafi fullaโiinsa guddinaa dhorkaa turaniidha. Dabalataanis buโa qabeessummaa imaammata dinagdee yeroo gabaabaa hojiirra oolaa turanittis gufuu taโanii turaniiru. Sirni dinagdee keenya gos-tokkeefi harka mootummaatti akka kuufamu taasiseera. Kunis qaawwa hammattoo toโannoofi laamshaโa dhaabbilee waan hordofsiisef sochii waliigalaa dinagdee mudhukseera. Akkasumas guddina damee dhuunfaa, dhaweessummaa keessoo, invastimantii alaafi keessoo hudhuun ukkaamsera.
Kana malees, hanqina tajaajila hawaasummaa, yeroon ala taโuu buโuuraalee misoomaafi dhiyeessii buraajoo (utilities), akkasumas rincicummaan gabaa humnaa (rigid labor market) waan hordofsiiseef, milkaaโina sochii dinagdee fullaโiinsa qabuuf gufuu hamaa taโeera. Imaammata maallaqaa (monetary policy)โfi imaammata galiifi baasii mootummaa (fiscal policy) raasuun, tasgabbii dinagdee gooroo (baโaa liqaafi hanqina sharafa alaa) jeeqera.
Hammeenyi hundaaโolii ammoo, idaan adeemsa kanaan umame qoteefi horsiisee bultoota, dargaggootafi dafqee bultoota keenyarratti feโamuu isaati. Qoteefi horsiisee bultoonni keenya bara dhufaa darbu hunda jijjiirama qilleensaa, duguugama gabbina biyyeefi hanqina gabaa ammayyaatiin akka rimmiidhaman darbees akka moggeeffaman taasiseera. Dargaggoonni qaxaleen keenya, dinagdee isaan simachuu dandaโu dhabuun, fedhiifi abdii waliin eebbifaman akka dhaban taasiseera. Baโaan idaa biyyaa, ummata keenya hojjetee buluu darbees dhaloota irratti akka feโamu taasiseera.
๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐:
Cabiinsi sirnaa hawaasummaa, hudhaalee caasawaa diraa hawaasa (fabric of society) keenyaa keessa galaniin kan muudatedha. Kunis akkaataa ittijiraatu, walitti dhufu, carraa garagaraa ittargatuufi ittifayyadamu irratti dhiibbaa hamaa taasiseera. Cabiinsi kun haqa qabeessummaa carraalee/facaatii guddina kaappitaala namaa โ barnootaa, fayyaa akkasumas buโuuraalee misoomaa dhorkeera; akkasumas hiyyummaa ittifufsiisuun dhaloota dhidhimseera.
Walqixxummaan caasawaa, haqa hawaasummaafi wabiim nyaataa akka hinmirkanoofne, buqqaโiinsifi rakkoon namoomaa (humanitarian crisis) akka ittifufan, hoji dhabdummaafi qormaatileen naannawaa akka hammaatan taasiseera.
Yaadamni Idaโamuu jaldhina caasawaa (structural deformities) cabiinsa sirnaa hordofsiise kana adda baasuu qofa osoo hintaane, tarsiimoolee ittiin diignee ijaarullee qopheessera. Galmi hundeeffama Mootummaa Idaโamuus amaloota tarsiimolee kanniin hojiirra oolchuuf nama dandeessisan irra dhaabbachuun maraamartoo kana cabsuu, darbees badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuudha.
๐ฌ๐๐๐, cabiinsa sirnaa hidda gadifageeffate kana, suphaa yerootiin yaaluun hindandaโamu. Cabiinsi buโuuraa, waldhaansa buโuuraa (radical intervention) gaafata. Qaxxisa baramaadhan maraamartoo furguuga hamaa keessa gale dhaabuun waan yaadamuu miti. Kanarraa kan kaโe, gaaffiin โ๐บ๐ฎ๐ฟ๐ฎ๐ฎ๐บ๐ฎ๐ฟ๐๐ผ๐ผ ๐ธ๐ฎ๐ป๐ฎ ๐ฐ๐ฎ๐ฏ๐๐ถ๐ป๐ฒ๐ฒ ๐ฏ๐ฎ๐ต๐๐๐ป ๐ถ๐บ๐ฎ๐น๐ฎ ๐๐๐ฎ๐ฎ๐น๐ฐ๐ต๐ผ๐ผ ๐ธ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ ๐ด๐ฎ๐น๐๐๐ณ ๐ป๐ถ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐ป๐๐ฎ๐ฎ?โ jedhu deebii sirrii nurraa eegaa jira.
Mootummaan Idaโamuu, ๐ป๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐ช๐โ๐๐๐๐๐ niqabaa? Kutaa ittaanuun kan ilaallu taโa.