Miidhamtoota Fiistuullaa gargaaruuf galiin walittiqabamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 22, 2017 (FMC) –  Miidhamtoota Fiistuullaa yeroo da’umsaa mudatuu gargaaruuf galiin walittiqabamuu eegaleera.

Sagantaan galii walitti qabuu kun miidhamtoota Fiistuullaa bira dhaabbachuu fi hojiiwwan gama kanaan hojjataman deggeruuf dha.

Mata duree “Xiyyeeffannaa, miidhamtoota Fiistuullaa xiyyeeffannoo dhabaniif” jedhuun kan geggeeffamu yoo ta’u,  sagantichi guyyaa Fiistuullaa yeroo da’umsaa uummamu dhaabuu idi-laddunyaan walqabatee kan qophaa’e dha.

Galiin argamu dubartoota Fiistuullaa yeroo da’umsaa uummamuu fi gadi ba’uu gadameessaan miidhaman adda baasuun, tajaajila baqaqsanii yaaluu, yaalaa fi hordoffii baqaqsanii yaalun boodaa dabalatee deggersa haaromsaa fi xiinsammuu kennuun miidhamtoonni hawaasatti akka makaman gargaaruuf oola.

Sagantaan galii walitti qabuu kun walta’iinnsa Ministeera Fayyaa, Ministeera Dubartoota fi Dhimmoota Hawaasummaa, Hamiliin Fiistuullaa Itoophiyaa fi Fandii Qorannoo Uummataa Mootummoota Gamtoomaniin kan qophaa’e ta’uun beekameera.

Itiyoophiyaatti waggaan dubartoonni kuma 9 Fiistuullaa yeroo da’umsaa uumamuun kan miidhaman yoo ta’u, kanneen keessaa kumni 1 fi 500 qofti hospiitaalota biyya keessaa 9tti yaala akka argatan ragaaleen ni mul’isu.

Comments (0)
Add Comment