Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Eebbifamuuf kan jiiru Hidhi Guddicha Haaroomsaa Kabajaa fi diinagdee Itiyoophiyaa daran kan guddisuudha jedhan Pireezidaantoonni Yuunivarsiitiiwwan garaagaraa.
Hidhi Haaroomsaa Itiyoophiyaa rakkoo teeknikaa fi biroo qabu keessaa bahuun eebbaaf qophaa’uun miira gammachuu olaanaa qaba jedhan Pireezidaantoonni Yuunivarsiitii garaagaraa Faanaa Diijitaaliif yaada kennan.
Pireezidaantiii Yuunivarsiitii Booranaa Dooktar Bafiqaaduu
Cammaraan, hidhi Guddichi Haaroomsaa akka biyyaatiis ta’ee akka Afrikaatti rakkoo olaanaa qabu keessaa bahuun xumuraaf gahuutti miira gammachuu olaanaan qaba jedhan.
Xumuramuun hidhicha dippiloomaasii siyaasaa Itiyoophiyaafi guddina Itiyoophiyaan hawwaa jirtuuf bu’aa olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.
Annisaa biyyaattii barbaachiisuu fi Tajaajjila biyyoota naannawaafis faayidaa qabaachuu ibsaniiru.
Biyyaattiin humna ofii isheen hidhicha ijaaruun xumuruun dandeettii fi dhaggeeffatummaa ishee daran kan dabaluudha jedhan.
Itiyoophiyaan qabeenya kuufama qabdutti sirnaan yoo fayyadamte tarree biyyoota guddatanii kan hiriirtu ta’uu kaasaniiru.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dooktar Fiqaaduu Mitikkuun gamasaaniin, eebbifamuun hidha Guddicha Haaroomsa Itiyoophiyaa cimina, of danda’uu fi cichoomina ummatichaa kan mul’isuudha jedhan.
Gargaarsa tokko malee qabeenya ummataa biyyattiin hidhichi ijaaramuun seenaa lammiilee boonsuu ta’uu dubbataniiru.
Dandeettii, tokkummaa fi waloomummaa ummata biyyaattii kan agarsiiseedhas jedhan.
Akka Gaanfa Afrikaatti Itiyoophiyaan biyya guddoo fi kabajamtuudha jedhan Dooktar Fiqaaduun.
Eebbaaf qophaa’uun hidhichaa kabajaa fi diinagdee Itiyoophiyaa guddisuun walitti hidhamiinsa biyyoota Afrikaaf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Hidhi Guddichi Haaroomsa akkuma seenaa Adwaatti kan jedhan immoo Pireezidaantii Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Fayyeeraa Dhinsaati.
Ijaarsa Hidhichaaf tokkummaa, gootummaa fi walitti Dhufeenyi kan itti dagaageedha jedhan.
Hidhichi biyyoota Ganfaa Afrikaa walitti hidhuu keesattis gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Tokkummaa naannawa Afrikaa cimsuu keessattis shooraa qaba jedhan.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia