Finfinnee, Adoolessa 25, 2017 (FMC) – Intarpiraayizoonni maanufaakchariingii bara baajataa 2017tti lammiilee kuma 200 polic carraa hojii uumuu Dhaabbanni Misooma Intarpiraayizii Itiyoophiyaa beeksise.
Akka itti aanaan Daayreektara Olaanaa Dhaabbatichaa obbo Abdulfattaa Yusuuf jedhanitti dandeettii oomishtummaa dhaabbilee omishaa guddisuun dorgomaa taasisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa tureera.
Iddoo oomishaa, faayinaansii fi galtee kennuu bira darbee leenjiiwwan qabatamaa adda addaa kennaa turuus ibsaniiru.
Keessattuu intarpiraayizoota haaraa hundeessuun oomishaalee al-ergii fi bakka bu’ummaa irratti bobba’uuf deeggarsi barbaachisaa ta’e kennameera jedhan.
Intarpiraayizoonni omishaa xixiqqaa fi giddu galeessaa haaraa Kumni afurii fi 285 hundeeffamuu isaaniis eeraniiru.
Gama biraatiin intarpiraayizoota jiran kuma 12 fi 481 cimsuuf karoorfamee intarpiraayizoota omishaa kuma 15 ol cimsuun akka danda’ame ibsaniiru.
Intarpiraayizoota omishaa haaraa hundeessuun kanneen jiran cimsuun lammiilee kuma 200 fi Kuma 1 fi 988f carraan hojii uumamuu ibsaniiru.
Inishiyeetiivii industirii baadiyyaa eegalameen dhaabbileen omishaa xixiqqaa fi giddu galeessaa 381 hundeeffamuus kaasan.
Sababa kanaan lammiilee kuma 2 fi 761f carraan hojii uumamuu isaa hoji gaggeessaan hariiroo hawaasaa fi komunikeeshinii dhaabbatichaa obbo Roobeel Ahmad Faanaa Dijitaalitti himaniiru.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.