Deeggarsi Naannoon Giddugaleessaa Itiyoophiyaa agarsiise fedhii galmoota misoomaa biyyaalessaaf qabu mul’isa- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Fulbaana 10, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa deeggarsi Naannoon Giddugaleessaa Itiyoophiyaa agarsiise fedhii galmoota misoomaa biyyaalessaaf qabu mul’isa jedhan.

Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, naannichi xumuramuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun alaabaa misoomaa injifannoon mirmirseera jedhan.

Hidhi Haaromsaa kan xumurame harka gamtaan hojjeteen, hojiilee dippiloomaasii bilchinaan hogganamaniin, qabeenya biyyaa ida’ameeniifi itti gaafatamummaa dhalootaan ta’uu eeran.

Hiriirri deeggarsaa eebbifamuu Hidha Haaromsaa sababeeffachuun guyyaa har’aa naannichatti gaggeeffames galmoota misoomaa biyyaalessaaf fedhii qabu mul’isa jechuun ibsaniiru.

Guddina Itiyoophiyaaf copha dafqaa hanga dhiigaatti qabsaa’uu akkasumas dameewwan misoomaa biyyi barbaaddu hunda keessatti ejjennoo waloo dursa hiriiruu guyyaa har’aa hiriira deeggarsaan argineerra jedhan.

Misoomni Hidha Haaromsaa fakkeenya godhate naannicharraa akka eegamus amantaa qabaachuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment