Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafa heektara miiliyoona 1 fi kuma 700 irraa oomishni walitti qabame – BQO

Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti lafa heektara miiliyoona 1 fi kuma 700 irraa oomishni gahe walitti qabameera jedhe Biiroon Qonnaa naannichaa.

Bara oomishaa 2017/18 lafti heektarri miiliyoonni 11 ol oomishaalee garaagaraan uwwiffamuu Biirichatti Daayrektarri Kominikeeshinii Indaashaaw Jamaanah Faanaa Diiijitaaliif ibsaniiru.

Haaluma kanaan hanga ammaatti lafa heektaara miiliyoona 1 fi kuma 700 irraa oomishaaleen gahan walitti qabamuu dubbatan.

Hanga ammaattis caallaan kuntaalli miiliyoonni 23 ol galeera jedhan.

Lafti oomishni irraa walitti qabames misooma jallisii bonaaf qophaa’aa akka jiru eeraniiru.

Xiyyeeffannoo mootummaan damee qonnaaf kenneen karoorri waggaatti yeroo sadii oomishuu bu’aa argamsiisaa jiraachuu obbo Indaashaaw ibsaniiru.

Qonnaan bulaan oomisha gahee qisaasama malee eegannoon akka walitti qabuuf xiyyeefannoon hojjetamaa jiras jedhan.

Abeel Niwaayiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment