Finfinnee, Mudde 2, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan rakkooleen Afrikaa Afrikaanotaan akka furamaniif kutannoon hojjechaa jirti jedhan Ministirri Ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad.
Yaa’iin hoggantoota Ittisaa Afrikaa 17ffaan Gamtaa Afrikaan qophaa’ee geggeeffamaa tures xumurameera.
Yaa’ichi shororkeessummaa, fonqolcha mootummaa, daddabarsa seeraan alaa namootaa, walitti bu’iinsa keessoo, dhiittaa mirga namoomaa fi rakkoolee hiyyummaa biroo Ardicha mudataa jiran irree gamtoomeen hiikuu irratti akka xiyyeeffates ibsameera.
Hoggantoonni kunniin rakkoolee nageenyaafi tasgabbii Afrikaa giddu seentummaa biyyoota biroo utuu hin barbaachisin furuun akka dandahamu cimsanii mari’ataniiru.
Yaa’ichi nagaa fi tasgabbii naannawaa mirkanessuu, hojiiwwan Alshabaabin Somaaliyaa irraa dhabamsiisuu, walitti bu’iinsa keessoo biyyootaa , haala yeroo Sudaan, deggersa maallaqaa Ergama Nagaa kabajchisaaf barbaachisuu fi dhimmoota walfakkaatoo biroo irratti mari’achuun kallattii furmaataa kaa’eera.
Injinar Ayishaa Mahaammad wayita kana akka dubbatanitti, Itiyoophiyaan ejjennoo cimaa nagaaf qabduu fi fakkeenyummaa Afrikaa keessatti qabdu irraa kan ka’e yaa’ii kana waggootaaf itti fuftee keessummeessaa akka jirtu kaasanii, rakkooleen Afrikaa Afrikaanotaan akka furmaata argataniif hojjechaa jirti jedhan.
Yaa’ichi barbaachisummaa humna eeggataa Afrikaa rakkoolee Afrikaa saffisaan furu irratti mari’achuus ibsanii, gumaacha Itiyoophiyaan ofirra darbitee ardichaaf qabdu kan itti callaqqisiifame dubbataniiru.
Injinar Ayishaan yaa’icha cinatti mareewwan gam- Lamee gee biyyoota adda addaa waliin geggeessuu eeranii, gumaacha Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa nagaa Uummata Soomaaliyaaf gumaacheef beekamtii olaanaan kennamuu ibsaniiru.
Daayireektarri Dhimmoota Ollaa Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Sabsibee Duubaa gama isaaniin, fuulduraaf rakkoolee Afrikaa tumsaan furaa deemuuf waliigalamuus kaasaniiru.
Yaa’ii Sadaasa 29 irraa eegalee geggeeffamaa ture kana irratti biyyoonni Afrikaa hundi akka itti hirmaatanis Midiyaan Raayyaa Ittisaa Faanaa Dijiitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia