Finfinnee Muddee 7, 2018(FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojiif Itiyoophiyaa kan dhufan Ministira Muummee Hindi Naarendiraa Moodii waliin mari’ataniiru.

Fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ergaa dabarsaniin maree keenyaan tumsa Itiyoophiyaa fi Hindi gidduutti guddachaa dhufee fi dameelee haaraa dhimmoota waloo dursi kennamuufii qabu ilaalleerra jedhan.

Maree isaanii boodas jila biyyoota lamaanii waliin mari’anneerra jechuun ibsan.

Sirna mallattoo waliigaltee bulchiinsa waloo gumurukaa, ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa fi hundeeffama giddugala daataa fi waliigaltee hojii nagaa kabajchiisuu Mootummoota Gamtoomanii biyyoota lamaan gidduutti mallattaa’e irrattis argamneerra jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment