Finfinnee, Amajjii 21, 2018 (FMC) – Chaayinaa fi Biriteen hariiroo tarsiimawaa isaanii daran cimsuuf waliigalaniiru.
Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jipiingii fi Ministirri Muummee Biriiteen Kiir Istaarmar har’a Beejingitti wal arguun mari’ataniiru.
Michummaa bara dheeraa biyyoota lamaanii daran cimsanii itti fufuuf waliigaltee irra ga’aniiru.
Addunyaa guyyaadhaa guyyaatti jijjiiramaa jirtu keessatti biyyootni miseensaa Mana Maree Tasgabbii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi diinagdeen guddatan lamaan kunneen marii fi qindoominaan nageenyaa fi tasgabbii addunyaa haala mirkaneessuun danda’amu irratti waliin mari’ataniiru.
Akkasumas, jiruufi jireenya lammiilee biyyoota lamaanii fooyyessuu fi diinagdee guddisuu ilaalchisees Jipiing fi Istaarmar waliin mari’ataniiru.
Istaarmar Ministira Muummee Biriteen waggaa 8 booda Beejing daawwatan yoo ta’an, “Chaayinaan guddina biyya ishee irratti fuuleffachuu malee tasumaa biyya kam irratti iyyuu yaaddoo uumtee hin beektu” jechuun ejjennoo misoomaa biyyattii dinqisiifataniiru.
Pireezidaanti Jiiping gama isaaniin hariiroo michoomaa biyyoota lamaan gama diinagdee fi daldalaan fayyadamaa taasisu irratti waliin hojjachuu akka itti fufan ibsaniiru.
Lammiileen Biriteen viizaa bilisaan Beejingitti akka imaluu danda’an Chaayinaa waliin walii galuu isaanii Istaarmer ibsuu BBC fi ‘Xinhua’n gabaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.