Haleellaawwan saayiberii kuma 27 ol…

Finfinnee, Guraandhala 1, 2018(FMC) – Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo haleellaawwan saayiberii kuma 27 fi 773 ji’oota ja’an darban yaalaman keessaa %99.03 kan ta’u fashaleessuun danda’ameera jedhe.

Dhaabbatichi raawwii hojii walakkaa waggaa bara 2018 gamaaggameera.

Daayireektarri olaanaan dhaabbatichaa Tigisti Hamiid, amaloota haleellaawwan saayiberaa yeroorraa yerootti jijjiiramaa dhufanii ilaalcha keessa galchuun dandeettiin ofirraa ittisuu keenyaa dabalaa dhufeera jedhan.

Sodaawwan nageenya saayiberaa dursanii adda baasuu fi deebii kennuuf bu’uuraalee misooma tekinloloojii misoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetaa akka jirus dubbataniru.

Hojiiwwan dijiitaal Itiyoophiyaa 2030’f bu’uura ta’an raawwatamuu eeranii, dhaabboleen mootummaa tajaajila si’ataa akka kennaniif tekinooloojiiwwan hojimaata isaanii dijiitaalessan akka qabaatan ta’uus ibsaniiru.

Ministeerri Galiiwwanii ‘E -invoice’, Biuroon Galiiwwanii magaalaa Finfinnee kaameraa qaamarraa, akkasumas Poolisiin Federaalaa sirna bulchiinsa qabeenyaa fi sanadaa misoomsuun tajaajila isaanii ammayyeessuus akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Haleellaawwan saayiberaa Itiyoophiyaatti raawwataman fashaleessuuf hojjetamaa akka jiru kaasanii, haleellaawwan kuma 27 fi 773 ji’oottan ja’an dsrbanitti raawwataman keessaa gara %99.03 kan ta’u, jechuunis haleellaawwan kuma 27, 505 fashaleessuun akka danda’ame ibsaniiru.

Qorannoo fooransikii Dijiitaalaa ilaachisee gaaffilee dhiyaatan 253 keessaa 245 deebii argachuu isaaniis eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment