Finfinnee, Guraandhala 21, 2018(FMC)- Daarikteerri Olaanaan Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Dooktar Warquu Gaachanaa, Azerbaajaan waliin hubannoo namtolchee irratti waliin hojjechuuf walii galleerra jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon jila hoggantoota olaanoo mootummaa waliin Guraandhala 19, 2018 irraa eegalee Azerbaajaanitti daawwannaa geggeessaa turan xumuraniiru.
Turtii jila kanaa ilaalchisee ibsa kan kennan Dooktar Warquu Gaachanaa, jilichi turtii isaatiin dhaabbilee tekinooloojii Azerbaajaan, keessumaa Akkaadaamii Hubannoo Namtolchee fi Tajaajila Giddugala Tokkoo daawwataeera jedhan.
Kanaanis muuxannoowwan Itiyoophiyaa fayyadan fudhatamuu eeraniiru.
Erga hundaa’ee waggaa tokkoo fi walakkaa kan ta’e Akkaadaamiin Hubannoo Namtolchee biyyattii dameelee hunda hubannoo namtolcheen walitti hidhaa akka jirus eeraniiru.
Adeemsi qo’annoo fi qorannoo duraan ture guutummaatti hubannoo namtolcheen bakka bu’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Yaaliin uummatni hubannoo namtolcheetti akka fayyadamu ta’aa jiru nama jajjabeessas jedhan.
Dhaabbata hubannoo namtolchee erge hundeessitee waggaa ja’a kan ta’e Itiyoophiyaa waliin muuxannoo wal jijjiiruu fi tumsaan hojjechuuf Azerbaajaan fedhii akka qabdus eeraniiru.
Tajaajilli Giddugala tokkoo Azerbaajaan Tajaajila Giddu gala Tokkoo Masoob Itiyoophiyaan wal fakkeenya akka qabu eeranii, aadaan hubannoo namtolchee fayyadamuu biyyattii kan cime ta’uu dubbataniiru.
Tajaajila giddugala tokkoo keessatti hubannoo Namtolchee fayyadamuun murteessaa ta’uu barnootni kan ityi argame ta’uus ibsaniiru.
Waliigalatti tekinooloojii dijiitaalaan, hubannoo namtolchee fi dhaloota irratti hojiin Azerbaajaan hojjettu quufsaa ta’uu eeranii, biyyoonni lamaan tumsaan hojjechuuf waliigaluu isaanii dubbataniiru.
Kunis muuxanjoo biyyoota lamaanii qooduun tarsiimoo dijiitaal Itiyoophiyaa 2030 dhugoomsuuf ni gargaara jedhan.
Aabiy Geetaahuniin
#Oromia #Ethiopia