Yuunivarsiitiiwwan Hawaasaa fi Haramayyaa Barattoota Damee Fayyaatiin Leenjisaa Turan Eebbisiisan

Finfinnee, Bitootessa 13, 2018 (FMC) – Yuunivarsiitiin Hawaasaa fi Yuunivarsiitiin Haramayyaa barattoota damee fayyaatiin leenjisaa turan har’a eebbisiisaniiru.

Koollejiin Saayinsii Yaala Fayyaa Yuunivarsiitii Hawaasaa barattoota damee wal’aansaatiin leenjise 427 eebbisiiseera.

Haaluma kanaan Doktoreetii yaalaan 88, Digrii Jalqabaa Saayinsii Fayyaatiin 268, Ispeshaalitiin: 70, Sub-ispeshaalitiin 1 eebbifamaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Koollejiin Saayinsii Fayyaa Yuunivarsiitii Haramayyaa barattoota Digrii Jalqabaa, Digrii 2ffaa, Digrii 3ffaa fi Ispeshaalitiin leenjisaa ture 616 eebbisiiseera.

Isaan keessaasDigrii Jalqabaan 478, Digrii 2ffaan 128, Digrii Doktoreetii 3, Ispeshaalitiin 7 kan eebbifaman ta’uun ibsameera.

Tamasgeen Bulbuloof fi Nageessoo Kadirtu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment