Aadaa fi Duudhaa ummata Oromoo guddisuuf haaromsa barbaachisa-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FBC)- Aadaa fi Duudhaa ummata Oromoo guddisuufi cimsuuf haaromsi barbaachisaa ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa fi tuurizimii naannichaa guddisuuf xiyyefannoon adda kennee hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Sagantaan Haaromsa Aadaa Oromoo ifoomsuu kunis qorannoo hayyootaan ifoomu kaasuun, kunis aadaan fi duudhaan Oromoo bakka isaaf malu akka ga’uu ni taasisa jedhan.

Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbirruu gamasaaniin,Haaromsi aadaa guddina hawaas_diinagdee keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniru.

Torrawwan xiyyeeffanoo haaromsa Aadaa Oromoo labsuu, Beekumsa Oomishuu,Diinagdee Ceesisuu,Aartii Oromoo haaromsuun humneessuu, Aadaa Oromoo Caaseffamaan sirneessuu akkasummas Miidiyaa fi Biraandiingii karaa beekumsaa fi ogummaa giddugaleeffateen hojjechuu akka ta’ee ibsameera .

Feenaan Nuguseetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment