Finfinnee, Guraandhala 1, 2018(FMC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, aadaa hojii sa’aatii 24 magaalattiin misoomni koriidarii ariitiidhaan raawwatamaa jira jedhan,
Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, hojjettoota ciccimoo hojii misooma koriidarii torban guutuu sa’aatii 24 hojjetaniif maaddii qoodnee jajjabeessineerra jedhan.
Hojjettooti hojii misooma koriidarii irratti hirmaataa jiran bakkeewwan magaalattii adda addaatti cimanii hojjetaa akka jiranis ibsan.
Hojjettonni kunniin miira jaalala biyyaan guddina waliigalaa magaalattiif ga’ee humnaa fi beekumsa isaaniin gumaachaa jiraniif galata galchaniiru.
Abbootii qabeenyaa maaddii hojjetoota kanneeniif qoodame irratti hirmaatanis galateeffataniiru.
#Oromia #Ethiopia