Aadaan marii akka jabaatuuf namoonni siyaasaa muuxannoo isaanii barreessanii dhalootaaf kaa’uu qabu – Dooktar Tasfaayee Beljigee

Finfinne, Hagayya 4, 2017 (FMC) – Aadaan marii akka jabaatuuf namoonni siyaasaa muuxannoo isaanii barreessanii dhalootaaf kaa’uu qabu jedhan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Ministirri Waamamaa Olaanaan Mootummaa Dooktar Tasfaayee Beljigeen.

Kitaaba ” Diimookiraasii Itiyoophiyaa Barbaaduu ” jedhu kan barreessan Dooktar Tasfaayeen, kitaabichi erga maxxanfamee booda, paartii siyaasaa an keessa jiru malee yaadni paartileen morkattootaa fi namoonni walabaa naaf kennan irraa Itiyoophiyaaanonni yaada irratti mari’achuuf qophii qabaachuu hubadheera jedhan.

Dooktar Tasfaayee Beljigeen turtii Faanaa Podkaasti waliin taasisaniin akka dubbatanitti, yaadonni barreeffamanii yoo dhiyaatan Itiyoophiyaanonni kan darberraa barachuun wal balleessuurra mari’achuuf qophii ta’uu akka hubatanis ibsaniiru.

Yaad-rimeen dimokiraasii hunda galeessa ta’us, biyyoonni duudhaalee qaban irratti hundaa’uun sirna dimokiraasii aadaa ummataa waliin walsimu yoo ijaarratan kan biyyaalessaa gochuun ni danda’ama jedhan.

Dimokiraasiin sirna bulchiinsa mudaa hin qabne jechuu akka hin taane kaasanii, sirnoota bulchiinsaa biroorra fooyya’aa fi filatamaa ta’uun isaa kan itti amaname ta’uu hubachiisaniiru.

Birhaanuu Abarraatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment