Finfinnee, Adoolessa 7, 2017 (FMC) – Sirna daldalaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf aadaan oomishaalee biyya keessaa fayyadamuu cimuu akka qabu Deetaan Ministira Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Abdulhaakim Muluu hubachiisan.
Egzibiishiniifi baazaariin torban daldalaa “kan Itiyoophaa bitaa” Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee qopheesse 2ffaan banameera.
Dooktar Abdulhaakiim Muluun wayita kana akka jedhanitti, sosochiin torban daldalaa “Kan Itiyoophiyaa bitaa”sirna daldalaa biyyattii ammayyeessuufi waliingahiinsa oomishaafi tajaajilootaa guddisuuf kaayyeffate.
Torban daldalaa kun oomishaaleefi tajaajiloota biyya keessaa gatii madaalawaan bituufi gurguruun hawaasaaf faayidaa olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Hawaasni daldalaas eeyyama daldalaa baasuuniifi karaa seera qabeessa hojjechuun invastimantiin damichaa akka fooyya’uufi hojimaata ammayyaan akka gaggeeffamuuf deeggaruu qaba jedhan.
Kantiibaa Itti aanaafi Hogganaan Biiroo Misooma Indaastirii magaalichaa Jaanxiraar Abbaay gamasaaniin, egzibiishiniifi baazaariin kun oomishtootaafi shammattoota kallattiin walitti fiduun oomishaalee gatii madaalawaan bitanii akka gurguran dandeessisa jedhaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa dhiibbaa jireenyaa jiraattotaa salphisuuf koree hundeessuun hojjechaa jiraachuu kan ibsan ammoo Hoggantuu Biiroo Daldalaa magaalichaa aadde Habiibaa Siraaji.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.