Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen dorgommii miidhaginaa idil-addunyaa Hindi magaalaa Hayidiraabaaditti gaggeeffamerratti 2ffaa kan baate Hasseet Darajjeef badhaasa warqee kennan.
Magaalaa Finfinneetti waltajjiin marii ogeeyyii aartii mata duree “Biyyaafi Ogummaa guddina Itiyoophiyaaf” jedhuun gaggeeffameera.
Aadde Adaanech waltajjicharratti, dorgommii miidhaginaa idil- addunyaa irratti sadarkaa 2ffaa kan baate Hasseet Darajjeef badhaasa warqee kennaniiru.
Dandeettii Hasseet waltajjii miidhaginaa kanarratti agarsiiste dargaggoota hedduuf fakkeenya ta’a jedhan.
Hasseet Darajjeen Ambaasaaddara Tuurizimii magaalichaa ta’uun akka hojjettu ergamni kennamuufii Hogganaan Pirees Seekireetiriyaatii Waajjira Kantiibaa Mi’eessaa Dooktar Eeleemaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Hasseet Darajjeen badhaasa bulchiinsi magaalichaa kenneefiif galateeffatteetti.
Malaakuu Gadifiin.