Finfinnee, Caamsaa 10, 2017 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen gamoo mana jireenyaa abbaa darbii 5 naannoo “Baggoonnet Lakk. 3” jedhamuun mogga’etti ijaarame namoota harka qalleeyyiif dabarsanii kennan.
Manneen kunneen namoota harka qalleeyyii Kutaa Magaalaa Addis Katamaa “Gabsi Safar” jedhamuun beekamu jiraachaa turaniifi rakkoolee hawaasaa garaagaraaf saaxilamaniif kennamuu eerameera.
Aadde Adaanech Saganticharratti akka ibsanitti, bulchiinsi magaalichaa gaaffii guddaa jiraattota magaalichaa kan ta’e rakkoo mana jireenyaa furuuf hojjechaa jira.
Hanga ammaatti manneen jireenyaa kuma 200 fi kuma 70 jiraattotaaf dabarsuu yaadachiisanii, kanneen keessaa manneen kumni 39 abbootii qabeenyaa tola ooltotaan ijaaramuu ibsaniiru.
Hojiin jireenya lammiilee jijjiiruu baajata mootummaa qofaan kan hin milkoofne ta’uu ibsuun, abbootiin qabeenyaa tumsa taasisan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.
Bulchiinsi magaalichaa yeroo itti aanutti manneen kuma 100 ijaaruuf karoora qabaachuus mirkaneessaniiru.
Aadde Adaanech Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti ijaarsa manneen jireenyaa dabalataaf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.
Andu’aalam Tasfaayeetu gabaase.