Aadde Adaanech Abeebeen maanguddootaaf maaddii qoodan

Finfinnee, Amajjii 11, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun sagantaa maanguddootaaf maaddii qooduufi bulukkoo uwwisuu gaggeessan.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Faawundeeshinii Fiilaantirooppii Sanshaayin waliin ta’uun Giddugala Kunuunsa Maanguddootaatti sagantaa maanguddootaaf maaddii qooduufi bulukkoo uwwisuu gaggeessineerra jedhan.

Faawundeeshinii Fiilaantirooppii Sanshaayin waliin ta’uun Giddugala Kunuunsa Maanguddootaa ammayyaa ijaarsisnetti maanguddoota biyyaaf oolmaa oolaniifi deeggarsa barbaadan nageenyummaan isaanii eegamee akka jiraataniif magaalaan keenya hojiilee misoomaa isheen yaada keessa galchuun bara jireenya isaanii hafe dhalootaafi biyya isaaniif waaqa kadhachaafi eebbisaa akka jiraataniif hojjechaa jirti jedhan.

Kanaaf ammoo itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa kan bahate Faawundeeshinii Fiilaantirooppii Sanshaayin galateeffachuun, bulchiinsi magaalichaa abbootii qabeenyaa itti gaafatamummaa hawaasummaa isaanii bahatan waliin tumsaan hojjechuuf balballi isaa yeroo mara banaa ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment