Aadde Adaanech Abeebeen manneen jireenyaa 253 namoota biyyaaf oolmaa oolaniif dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2018 (FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen manneen jireenyaa 253 namoota biyyaaf oolmaa oolaan, harka qalleeyyii fi maanguddootaaf dabarsaniiru.

Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti manneen moofa’anii turan diigamanii ijaaraman har’a qaamolee kanneeniif dabarsaniiru.
Manneen kunneen tajaajila tola ooltummaa gannaan baatiwwan sadan darban keessa kan ijaaraman ta’uu eeran Aadde Adaanech Abeebeen.

Manneen kunneen qulqullina isaanii kan eeggatan, bu’uraalee misoomaa kan guuttatan, ammayyaa’oo fi bakka bashannaa daa’immanii fi suuqiwwan daldalaa kan of keessatti hammatan ta’uutu ibsame.

Kantibaa Adaanech Abeebeen qaamolee hojii tola ooltummaa kanarratti hirmaatan hunda galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment