Finfinnee, Mudde 28, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Qillee sababeeffachuun manneen jireenyaa 381 namoota harka qalleeyyiif dabarsanii kennaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaanicha sababeeffachuun gamoo abbaa darbii 5 Kutaalee Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo fi Qiirqoositti ijaaraman namoota harka qalleeyyiifi biyyaaf oolmaa oolaniif dabarsanii kennaniiru.
Namoota manni kennameef keessaa barreessaa beekamaan Habtaamuu Allabbaachoo fi Ilmi Abdiisaa Aagaa Eeliyaas Abdiisaa ni eeramu.
Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana Finfinnee jireenyaaf mijattuu gochuurra darbee damee hundaan jiraattota ishee fayyadamoo taasisuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin manneen jireenyaa jiraattota magaalichaaf dhiyeessuu cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.