Finfinnee, Mudde 20, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen dhaabbilee Poolisii fi Ittisa Balaa Ibiddaa haaraa ijaarsi isaanii xumurame 32 eebbisiisaniiru.
Dhaabbileen kunneen bifa ammayyaan ijaaramuun tajaajila eegaluu ibsaniiru.
Hojiin kun magaalaa keenyatti tajaajila poolisiifi ittisa balaa ibiddaa gara uummataatti dhiyeessuun hawaasni ijaarsa nageenyaafi hojii naannoo eeguu keessatti abbummaan akka hirmaatu taasisa jedhan.
Dhaabbileen kunneen sadarkaa guddina magaalaan Finfinnee irra geesse waliin walsimuun ijaaramuun dabalata, bu’uuraalee misoomaa teekinooloojii fayyadaman, bakka tursiisa daa’immanii fi kilinika akkasumas tooftaa odeeffannoo ammayyaa fi meeshaalee ittisa balaa of keessatti kan hammatan ta’uu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.