Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC) –Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Adeemsa Ijaarsa Giddugala Walga’ii Idil Addunyaa Addis daawwataniiru.
Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Ijaarsi ‘Giddugala Walga’ii Idil Addunyaa Addis’ sadarkaa idil Addunyaa eeggatee xumuramaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara darbe yeroo walfakkaataatti Yaadannoo Injifannoo Adwaa, bara kana immoo ijaarsa ‘Giddugala Walga’ii Idil Addunyaa Addis’ biyya keenyaaf isaa jalqabaa ta’ee xumuraa jirra jedhan.
Giddugalichi walga’ii, agarsiisa fi taateewwan guguddoo sadarkaa idil Addunyaa fi biyyaalessaatti keessummeessuf akkaataa dandeesisuun ijaarame xumuramaa jiraachuu gamaaggamuus eeraniiru.
Hojiilee hafan qulqullinaa fi ariitiin xumuruuf hojjetamaa jiracahuus kaasaniiru.