Finfinnee, Amajjii 1, 2018 (FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen raawwii hojii piroojektii qarqara laga Qabbannaa fi Ginfillee gamaaggamaniiru.
Piroojektoota qarqara lagaa akka magaalichaatti hojjetamaa jiran 8 keessaa har’a kan laga Qabannaa fi Ginfillee gamaaggamneerra jedhan Aadde Adaanech.
Hojiin misooma qarqara lageenii akka Itiyoophiyaatti haaraa ta’us, yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramni dinqisiisaa fi hojiileen ajaa’ibaa hojjetamaniiru.
Keessattuu misoomni qarqara laga Qabannaa Kiiloo Meetira 19 dheeratu, Inxooxxoo hanga riqicha Karra Maarraa ga’u yeroo ammaa xumuramuuf dhiyaachuu dubbatan.
Lageen balfaan faalamanii turan, qabiyyeen uumama isaanii osoo hin jijjiramin yaalamuun dandamatanii arguun milkaa’ina olaanaadha jedhan.
Burqaawwan goganii turan deebi’aanii wayita burqan, foolii yaraan dhabamsiifamuun foolii hawwatan jiraattootaaf mijataa ta’e, qilleensa qulqulluu fayyaa namaaf gaarii ta’e arguun bu’aa dhamaatii keenyaati.
Misoomni kun yeroo ammaa abbootii qabeenyaaf naannawaa mijataa uumuu kaasan.
Abbootiin qabeenyaa beekumsaa fi maallaqa qaban carraa argame kanatti akka fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.