Finfinnee, Adoolessa 17, 2017(FMC)- Balaa tiraafikaa Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa bakka Gaara Washaa jedhamutti mudateen lubbuun namoota 10 darbe.
Konkolaataan Doolfiinii Godina Baalee Magaalaa Diinshoorraa imaltoota fe’ee gara Magaalaa Adaabbaa imalaa ture garagaluun lubbuun namoota 10 darbuu Ittigaafatamaan Nageenya Tiraafikaa Aanichaa Inispeektar Haashim Ilmii Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.
Sababni balaa kanaas saffisarraan kan ka’e mariin ajajamuu diduun garagaluu eeran.
Konkolaatichi namoota 16 fe’ee imalaa turuufi namoota 6 irra miidhaan cimaan gahuu ibsaniiru.
Yoonaataan Birhaanuutiin.
Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.