Finfinnee, Caamsaa 9, 2017(FMC) – Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawaatti Sa’attiin takka yeroo tokkotti jabbiiwwan 5 dhaluu ibsameera.
Saani kun kana duras yeroo tokkotti jabbiiwwan 3 dhaluu abbaan qabeenyaa Sa’attii obbo Aadam Ahimad ibsaniiru.
Taateen akkanaa loon maalaa irratti darbee darbee kan uumamu ta’uu Waajjira Qonnaa Godina Harargee Bahaatti Itti Gaafatamaan Damee Eegumsa Fayyaa Beelladaa Dooktar Fayyisaa Alii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif himaniiruu.
Yeroo ammoo jabboota dhalatan keessaa 3 haala gaarirratti kan argaman yoo ta’u, lama ammoo du’uu eeraniiru
Nageessoo Kadiirtu gabaase.