Finfinnee, Caamsaa 5, 2017 (FMC) – Godina Harargee lixaa aanaa shanan dhuuggootti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 11 darbuun ibsame.
Balichi Konkolaataan ‘Iyisuuzuun Magaalaa Waldaayaa irraa namaa fi meeshaa waliirratti fe’ee gara Aanaa Masalaatti imalaa ture garagaluun kan mudate ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaa Obbo Fariid Yisaaq Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Balichaan lubbuun namoota 11 darbuus dubbataniiru.
Akkasumas Namoota 22 irra miidhaan qaamaa cimaa fi namoota 3 irra immoo miidhaan salphaan qaqqabuu ibsaniiru..
Ka’umsi balichaa humnaa ol fe’uu akka ta’e himaniiru.
Tsahaay Gulummaatiin