Finfinnee, Hagayya 11, 2017(FMC) – Naannoo Amaaraa Godina Kibba Walloo Aanaa Tantaatti sigiga lafaa mudateen maatii tokko keessaa lubbuun namoota 4 darbe.
Dhagaan jiguun mana jireenyarratti kufuun lubbuu namoota kanneenii galaafachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii aanaa Tantaa Obba Warqinaa Malaakuun Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Sababa kanaan maatiin qonnaan bulaa tokkoo mana keessa turan namoonni 4 lubbuun darbuu eeran.
Hanga ammaatti reeffi nama tokkoo qofti argamuu fi kan namoota biroo barbaadamaa jiraachuu himan.
Dhagaan Konkolaate daran guddaa ta’uu hordofee reeffa baasuun rakkisaa ta’uu ibsan.
Abeel Nawaayitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia