Aangoo kennuu fi fudhachuun eeyyama ummataan qofa ta’uu qaba – Abbootii Gadaa

Finfinnee, Guraandhala 19, 2018 (FMC) – Aangoo kennuu fi fudhachuun eeyyama ummataan karaa nagaan qofa ta’uu qaba jedhan Abbootiin Gadaa Oromiyaa.

Filannoon Waliigalaa 7ffaan bara kana gaggeeffamu haqa qabeessa, hirmaachisaa fi diimokiraatawaa akka ta’uu Paartileen Siyaasaa gahee isaanii bahachuu qabu jedhan Abbootiin Gadaa Oromiyaa turtii Faanaa Diijitaal waliin taasisaniin.

Aangoo kennuu fi fudhachuun murtee ummataan qofa akka ta’u Paartileen kakaasii fi duula na filadhaa nagaa qabeessa, iftoomina qabuu fi seera filannoo hordofe gaggeessuu akka qaban dhaaman.

Aangoo karaa nagaan dabarsuu fi kennuun sirna Gadaarraa baratamuu akka qabu yaadachiisan.

Adeemsi falmii, kakaasii fi sagantaa beeksifachuu paartilees walqeequu fi arrabsoorra tarsiimoo fi imaammatarratti xiyyeeffachuu qaba jedhan.

Filannoon bara kanaa filannoowwan kanaandura gaggeeffamanirra fooyya’aa akka ta’u abdii qabaachuu kaasan.

Madda Diimokiraasii ta’uu keenya caalmaatti mirkaneessinuuf Paartileen yaadaa moo’ataa qabatanii seeraa fi sirna filannoo hordofanii hawaasatti dhiyaachuu qabu jedhan Abbootiin Gadaa kunneen.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment