Finfinnee, Caamsaa 14, 2017 (FMC) – bara baajata 2017 hanga ammaatti aannan liitirri biiliyoonni 8 .9 oomishamuu Inistiitiyuutiin Misooma Beeyladaa Itiyoophiyaa ibse.
Daayrektarri itti aanaa Inistiitiyuutichaa Dooktar Daanyaachew Bayyanaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif akka ibsanitti, erga Sagantaan maaddii guutuu eegale as fooyyeessi sanyii loonii bal’inaan hojirra oolaa jira.
Kutaaleen hawaasaa beeyladoota horsiisuurrati bobba’anis sanyii fooyya’aaf xiyyeeffannoo kennuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan bara kana hojiin beeyladoota miiliyoona 3 diqaaloomsuu hojjetamuu ibsuun, kunis kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame miiliyoona 1 ol caalmaa qabaachuu eeraniiru.
Beeyladoonni miiliyoonni 1 fi kumni 200 sanyii fooyya’aarraa dhalachuu hordofee oomishni aannanii dabaluu ibsaniiru.
Kanaanis aannan liitirri biiliyoonni 8 .9 oomishameera jedhan.
Hanga xumura bara baajatichatti aannan liitirri biiliyoonni 10 ol ni argamaan kan eggamu ta’uu dubbataniiru.
Oomisha fooyya’aa argachuuf dhiyeessii nyaataa beeyladoota guddisuun barbaachisaa ta’uus himaniiru.
Yoonaas Geetinnatitu gabaase.