Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Aarsaan Iyyasuus Kiristoos ilma namaatiif jecha kaffale,dhiifamni fi araarri daandii milkaa’inaatti qajeelchu kan barsiisuudha jedhan Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraan.
Obbo Kaffaaloo Tafarraan ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaan baga ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoosiin nagaan geessan jedhaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Hordoftootni amantaa kiristaanaa biyya keessaa fi kutaalee addunyaa garaagaraa keessatti argamtan baga ayyaana du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoos kan bara 2017’tiin nagaan ittiin isin gahe, baga geessan jechuun barbaada.
Akkuma beekamu Faasikaan ayyaana gammachuu fi jaalalaa, galataa fi dhiifamaa akkasumas ayyaana obbolummaan keessatti calaqqisuudha. Guyyaan kun hordoftoota amantichaa biratti yeroo kaan irraa bifa adda ta’een yaadatamee kan oolu yemmuu ta’u, jaalala walii qooduun, obsuu fi dhiifama waliif gochuun kan itti barsiifatame akkasumas guyyaa nagaa fi fayyummaa jireenya dhala namaatiif aarsaan itti kaffalamedha.
Uumaan kakuu dhiifamaa ilma namaatiif gale eegee fi kabajee tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti ergee cubbuu ilma namaa haqe, balbala jibbaas cufee jaajalaaf dhiifama labsuuf isa wareege.
Kanaaanis kakuu fannootiin tulluu abaarsaa diigee dhala namaa hundaaf carraa araaraa fi dhiifamaa diriirseen ilmi namaa dhiifama uumaa isaa argate.
Aarsaan iyyesuus kiristoos kaffale, dhiifamni uumaan uumama isaatiif taasise daandii dhalli namaa gidiraa irraa gara nagaatti ittiin ce’u waan ta’eef gochaan eebbifamaan kun jiruuf jireenya ilmaan namaa keessatti barsiifata yeroo maraa ta’ee babal’achuu, gochaa qabatamaadhaanis mul’achuu fi dhugoomuutu irra jiraata.
Kanaafuu sochii jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti aarsaa nuhiif jecha kaffalame yaadachuu, carraa dhiifamaa nuuf diriireettis qixaan fayyadamuun murteessaadha.
Kana mirkaneessuuf ammoo gochaawwan jibbaa facaasan irraa fagaannee jaalala waliif qooduu, taateewwan garaagarummaa bal’isanii walirraa nu fageessan dhabamsiifnee araaraa labsuu, obbolummaa sab-daneessa mirkaneessuu akkasumas kan darbe irraa barannee boruu keenya tolchuuf dhiifamaa fi tokkummaadhaan waliin ce’uu aadeffachuu qabna.
Daandiin gara milkaahinaatti nu qajeelchu daandii araaraa, jaalalaa fi dhiifamaa waan ta’eef barsiifata gaarii aarsaa iyyasuus kiristoos irraa arganne galaa imala keenyaa godhachuun murteessaadha.
Ilaalchi fi gochi keenya nagaa fi nageenya kan mirkaneessu, obbolummaa dhugaa dagaagsee tokkummaa keenya kan jabeessu ta’uutu irra jiraata.
Ayyaana du’aa ka’uu iyyasuus kiristoos yemmuu kabajnu akkaataa amantichi nu ajajuun gaarummaa obsaa fi dhiifamaan dabaalame, tokkummaa jaalala dhugaatiin faayame waliif qooduun gamatti mallattoof agarsiiftuu waliin jireenya keenyaa kan ta’e wal gargaaruu fi wal cinaa dhaabbachuu daran jabeessinee kan qabnu isa hin qabneef qooduu, kan rakkates gargaaruun gammachuun waliin dabarsuu qabna.
Yeroon itti aanu jibbaa fi hammeenyi hundeedhaan buqqa’ee jaalalli kan itti dagaagu, tokkummaan lammiileetis jabaatee obbolummaan kan itti mirkanaahu akka nuu ta’uuf lammiin hunduu gufuuwwan waliin jireenyaa fi imala keenyaa dhimmoota ta’an bu’uuraan maqsuudhaaf waloodhaan dhaabbachuu, qormaatilee alaa fi keessaa nu muudatan ammoo obsaan fi qindoominaan tarkaanfachuu akka aadeffannu dhaamuun fedha.
Dabalataanis biyya guddoo akka Afriikaafi Addunyaatti fakkeenya badhaadhinaa taateefi jireenya lammileef mijattuu taate ijaaruuf imalli eegalame akka galma gahuuf lammileen hunduu tokkummaa ofii daran jabeeffachaa, obbolummaa sabdaneessaa daran cimsuun tumsa barbaachisu taasisuu akka qaban irra deebi’ee dhaamuun barbaada.
Xumura irrattis ayyaanni faasikaa baranaa nagaa fi gammachuudhaan injifannoo bara baraatti akka isin qajeelchu hawwiin qabu ibsaa, ayyaana milkii akka isiniif ta’un hawwa.
Ayyaana Gaarii!
Kaffaaloo Tafarraa
Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa
Eebla 11,2017
Finfinnee