Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Abbaan Taayitaa Naannoo Sidaamaa galii Birrii biiliyoona 12 fi miiliyoona 400 walitti qabe.
Naannichatti mata duree “ Kaffalaan Gibiraa Amanamaan Goota Misoomaa Cimaadha” jedhuun kaffaltoota gibiraa amanamoof sagantaan beekamtii kennuu gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Pireezidaantii naannichaa Dastaa Leeddaamoo dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannoo argamaniiru.
Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Galiiwwanii naannichaa obbo Damissee Isaatuun saganticharratti haasawaa taasisaniin, gibira yeroon fi amanamummaan kaffaluun dirqama biyyaalessaafi agarsiistuu jaalala biyyaati jedhan.
Naannichatti bara baajataa 2017’tti gibira Birrii biiliyoona 15 fi miiliyoona 300 sassaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasanii, baatiiwwan darbanitti Birrii biiliyoonni 12 fi miiliyoonni 400 sassaabamuu yaadachiisan.
Yeroo hafetti karoora qabame milkeessuuf hojiilee hojjetaman hawaasni gibira kaffalu itti gaafatamummaa isaa akka bahatu gaafataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.