Finfinnee, Bitootessa 1, 2018 (FMC) – Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Magaalaa Finfinnee daandiiwwan keessa keessoo dallaan cufamanii turan kuma 1 fi 434 bansiise.
Hogganaan Hariiroo Uummataa Abbaa Taayitichaa Iyyaasuu Salamoon Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif akka ibsanitti, magaalichatti daaniiwwan keessa keessaa dallaan cufamuurraan kan ka’e sosochii tiraafikaa irratti dhiibbaa uumaa tureera.
Abbaan Taayitichaa qorannoo taasiseen iddoowwan kuma 2 fi 438’tti daandiiwwan keessa keessaa dallaan cufamanii akka jiran ibseera.
Dhiibbaa sosochii tiraafikaa irratti qaqqabsiisaa jiru ilaalacha keessa galchuun hawaasni dallaawwan kanneen akka diigan hubachiisni kennamuus dubbataniiru.
Qaamolee nageenyaafi bulchiinsaa dhimmi ilaallatu waliin qindaa’uun baatiiwwan lamaan darbaniif hojii duulaa hojjetameen daandiiwwan keessa keessaa bakkeewwan kuma 1 fi 434 irratti dalleeffamanii turan banamuus ibsaniiru.
Yeroo itti aanutti hojiin bakkeewwan kuma 1 ol ta’an irratti daandiiwwan cufaman bansiisuun akka raawwatamu eeraniiru.
Adeemsa kana keessatti hawaasni haalaan hirmaachuu eeranii, daandiiwwan keessa keessaa magaalattii dalleeffaman guutumaan guutuutti banuu jabaatee itti fufa jedhaniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofanal
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
#Oromia #Ethiopia