Abbaan Taayitichaa Teeleevizhinii ‘JPS‘f Xalayaa akeekkachiisaa kenne

Finfinnee, Mudde 17, 2018 (FMC)- Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Teeleevizhinii JPS’f (‘Jesus Prophetic Ispirit Church) xalayaa akeekkachiisaa kenneera.

Miidiyaaleen amantaalee qabiyyee dabarsan ilaalchisee Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa ibsa baaseera.

Haaluma kanaan akkaataa labsii miidiyaalee lakkoofsa 1238/13
Miidiyaaleen amantaa hordoftoonni isaanii bakka jiranitti karaa miidiyaatiin barsiifata isaanii akka hordofan eeyyama Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa irraa argataniin socho’aa jiru.

Abbaan Taayitichaa itti gaafatamummaa labsichan kennameef bu’uraa godhachuun seeraa fi naamusa ogummaa haala kabajeen raawwii hojii miidiyaalee hordofuu fi to’achuu, hanqinooni akka maksamaniif gorsa kennu akkasumas badii raawwatameerratti hundaa’uun tarkaanffii bulchiinsaa barbaachiisaa ta’ee ni fudhata.

Haaluma kanaan Teeleevizhiniin JPS gaafa guyyaa 13-04-2018 karaa miidiyaa hawaasaa isaa irratti sagantaan dabarse akkaataa seera labsii Miidiyaalee 1238/13’ hojii hordoffii taasiseera.

Haaluma kanaan Sagantichi kutaa biyyaattii naannawaa Salaalee akkaataa hin malleen ibsuu kan mirkaneeffate yoo ta’u, Teeleevizhinii JPS‘f seeraa labsii miidiyaalee keessatti eerame cabsuu isaan xalayaan akeekkachiisa kennameefira.

Gara fuulduraattis miidiyaaleen Amantaa seera labsii Miidiyaalee armaan olitti ibsaman cabsuun argaman irratti tarkaanfiin barbaachisaan kan fudhatamu yoo ta’u, miidiyaaleen itti gaafatamummaa isaanii beekanii of eeggannoo fi itti gaafatamummaan akka socho’an Abbaan Taayitichaa dhaameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment