Finfinnee, Sadaasa 18, 2018 (FMC) – Abbootiin qabeenyaa dhaabbilee tapha Jirraa Ispoortii fi tumsisoota isaanii galii mootummaan argachuu qabu Birrii biiliyoona 100 waliindhahuun yakkaan shakkaman to’ataman jedhe Tajaajilli Nageenya odeeffannoo biyyaalessaa.
Dhaabbilee tapha jirraa Ispoortii fi Fiinteek jedhamuun waaman haala dhiyeessa sirna kaffaltii maallaqaa isaanirratti qorannoo fi hordoffii gaggeessaa turuu ibse tajaajilichi.
Dhaabbileen eeyyama qabanii fi bu’uura waliigaltee mootummaa kan hin hojjenne, hojmaata seeraan alaarratti bobba’uun argamanii eeyyamni isaanii haqame, akkasuma eeyyama tokko malee dhaabbilee tapha jirraa Ispoortii taphachiisaa turan, walitti hidhamiinsa Interneetii idil addunyaa waliin karaa seeraan alaa hojjechaa turan 24 to’atamuu tajaajilichi ibsa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif ergeen himeera.
Dhaabbileen kunneen mootummaan maallaqa sochoosaa turanirra galii Birrii biiliyoona 100 argachuun irra ture dhabsiisuu irra gahamuu hime.
Karaa daddabarsa maallaqaa Kiriiptookaransii fi dhaabbilee sharafa alaa biroon sharafa argamu dhoksuu fi biyyaa akka bahu taasisaa turuu ibse.
Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uu shakkamtoota kanneen to’annoo seeraa jala oolchuu beeksise.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.