Finfinnee, Onkololeessa 17, 2018 (FMC)- Abbootiin qabeenyaa Magaalaa Jimmaa Sheediwwan 76 Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 68’n ijaarsisan dargaggoota hoji dhabeeyyiif dabarsan.
Abbootiin qabeenyaa magaalattii hojii dhabdummaa hir’isuuf hojii dhunfaa isaaniin hojjetaniin cinatti dargaggoonni hojjetanii akka of danda’aniif gahee bahaachuusaaniif kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar galateeffataniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa magaalattii obbo Haayidar Abbaa Maccaa akka jedhanitti, dargaggoota kuma 2 oliif carraa hojii guyyaa tokkoon uumuuf yaadamee abbootii qabeenyaa kanaan hojiin hojjetame jajjabeessaa ta’uu kaasanii, waajjirri isaanii deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Guyyaa tokkon kaafamtoota misoomaa naannawaa Masaraa Abbaa Jifaar turan 200 oliif lafti heektarri 15 kennamuun eerameera.
Samiiraa Mahaammad Yaasiintu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.