ABUT uumama gufuuwwan afuriin dhahameedha – Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2019 (FMC) – ABUT waggoota 8 keessatti uumama gufuuwwan afuriin dhahameedha jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa.

Guyyaan Raayyaa Ittisaa 119ffaan mata duree “ Raayyaa Injifannoo” jedhuun har’a sagantaalee adda addaan kabajamee ooleera.

Gareen seeraan alaa ABUT waggoota saddeettan darban keessa yeroo 4 waraana guguddaa banus yeroo arfanuu injifatameera jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan kabaja guyyaa Raayyaa Ittisaa 119ffaarratti haasawa taasisaniin.

Duula olaantummaa seeraa kabachiisuun injifatameera, duula tokkummaa sabdaneessan injifatameera, duula waliigaltee Piriitooriyaan uumameen injifatameera, duula gara Qoobboo, Takileesh, Laallibaa fi Saqoxaatti eegaleenis injifatameera jedhan.

Amma gara waahila isaa Shaabiyaa deemeera, garichi sammuu waan hin qabneef ammas gufuun 5ffaan akka isa dhahu yaaluun isaa hin oolu.

Haa ta’uutii carraa 5ffaa akka argatu hin taasifnu jechuun yaadachiisan.

Yeroo hunda injifatamuu isaa dhoksuuf olola adda addaa jala dhokachuuf yaala jedhan.

Uumama yeroo hunda injifatamu, garuu injifatamuu isaa hin amanne ta’uu eeran.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment