Finfinnee, Sadaasa 16, 2018 (FMC) –Taphoota CBE Piriimer Liigii Itiyoophiyaa Torbee 7ffaan Magaalli Adaamaa Bahiir Daar injifateera.
Adaamaan galchii Abbubakir Saaniin daqiiqaa 75ffaarratti lakkoofsiseen magaalaa Bahiir daar galchii 1 fi 0’n injifateera.
Taphoota biroon Walaayittaa Diichaan galchii 2 fi 1’n Yuunivarsiitii Walwaaloo Addigraat injifateera.
Diichaan bara kana injifannoo jalqabaa isaa galmeesseera.
#Oromia #Ethiopia