Finfinnee, Hagayya 1, 2017 (FMC) – Adeemsa filannoo irratti hubannoo uumuuf hojjetamaa jira jedhan Walitt Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Aadde Melaatwarqi Haayiluu.
Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinitti akka himanitti filannoo biyyaalessaa itti aanu akkaataa sagantaa qabameen gaggeessuuf qophaa’uu dubbataniiru.
Boordichi bara 2011 erga irra deebiin gurmaa’ee as filannoo biyyaalessaa tokkoo fi rifarandamii sadii gaggeessuu isaa yaadachiisaniiru.
Humni adeemsi kun dhaabbaticha keessatti uume hojii boordichaaf haala miijataa uumeera jedhan.
Miseensoota boordii dabalatee humna namaa dhaabbatichaa cimsuu fi buufataalee filannoo gara kuma 20 ta’an GIS waliin walqunnamsiisuuf hojjetamuu ibsaniiru.
Odeeffannoo taajjabdoonni filannoo buufata filannoo salphaatti akka argataniif gargaaru walitti qabuu isaaniis ibsaniiru.
Odeeffannoon haala wayita meeshaaleen filannoo raabsaman mudachuu malu ibsu qophaa’uus kaasanii, boordichi filannoo itti aanu geggeessuu haala isa dandeessisurra akka jirus beeksisaniiru.
Adeemsa filannoo ilaalchisee manneen barnootaa dabalatee, bakkeewwan adda addaatti hubannoon uumamaa jira jedhan.
Bakkeewwan waliin ga’uu hindandeenyes raadiyoo hawaasaa fayyadamuun hubannoon uumamaa akka jirus eeraniiru.
Boordichi hubannoo ofii isaan uumu cinatti dhaabbilee hawaasa Siivilii waliin ta’uun hojjechaa akka jirus dubbataniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.