Adeemsi Ajandaa walitti qabuu Dhaabbilee fi Waldaalee Federaalaa hirmaannaa ho’aan kan itti galmaa’ee dha

Finfinnee, caamsaa 24, 2017 (FMC) –  Adeemsi ajandaa walitti qabuu dhaabbilee fi waldaalee Federaalaa hirmaannaa ho’aan kan itti galmaa’ee dha jedhan Itti aantuun Komiishineera Olaanaa Komiishinii Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hiruut Gabirasilaaseen.

Guyyoota sadiif ajandaa walitti qabuuf mareerra kan turan dhaabbilee fi waldaaleen Federaalaa ajandaa isaanii Komiishinichatti kennaniiru.

Xumuramuu sagantaa kanaa irratti Itti aantuun Komiishinera Olaanaa Hiruut Gabirasillaaseen adeemsi ajandaa walitti qabuu hirmaannaa ho’aan kan itti galmaa’e dha jedhan.

Adeemsi ajnadaa walitti qabuu sadarkaa sadarkaan geggeeffame  hirmaachisummaa fi hammattummaa isaan fakkeenya  ta’uus dubbatan.

Adeemsichi amanamaa akka ta’uuf komiishinichi ofeeggannoo cimaan hojiiwwan hedduu hojjechaa tureera.

Boqonnaan ajandaa walitti qabuu dhaabbilee fi waldaalee Federaalaa kunis hunda kan hirmaachise dha.

Akka ibsa isaaniitti, karaa hidda rakkinichaa buqqisuuf deemamaa jiru irra adeemsi gufaachiisu hinjiu.

Waltajii kana dabalatees waltajjiiwwan ajandaa walitti qabuu 14n haala ho’aan xumuramuun, rakkoo hiikuuf daandiin deemamaa jiru walakkeeffamuu isaaf agarsiistuu dha.

Yismaawu Adaraatu gabaase

Comments (0)
Add Comment