Adeemsi baruu fi barsiisuu bara 2018 Wiixata dhufu eegala

Finfinnee, Fulbaana 2, 2018 (FMC) – Adeemsi baruu fi barsiisuu bara 2018 Fulbaana 5 Wiixata dhufu manneen barnoota hunda keessatti ni eegala jedhe Ministeerri Barnootaa.

Adeemsa baruu fi barsiisuu bara 2018 eegaluuf qophiin barbaachisu hundi xumuramuu ibse.

Bara kanaa eegalee Bilbiloota, Taabileetotaa fi meeshaalee elektirooniksii adeemsa baruu fi barsiisuu jeequu danda’an kamiiyyuu mana barumsaa qabatanii seenuun dhorkameera.

Daa’immaan umriin barumsaaf gahe mana barsumsaa hambisuun kan nama gaafachiisu ta’uu ministeerichi hubachiiseera.

Itiyoophiyaatti daa’imman umriin isaanii barnootaaf gahe miiliyoonni 7 ol sababoota adda addaan barnoota ala ta’uu ibse.

Maatiin daa’imman isaanii gara manneen barnootaatti erguun dirqama isaanii akka bahan Ministeerri Barnootaa waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment