Adeemsi bayyanachuu keenyaa Afrikaaf kan hafuudha- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Qaammee 3, 2017(FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Adeemsi bayyanachuu keenyaa Afrikaaf kan hafuudha jedhan.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa keessummoota Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaa irratti hirmaachuuf dhufan kuma 25 ol simannee yaa’icharratti hirmaachaa jiru jedhan.

Yaa’ichi mata duree “ Furmaatawwan Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Idil-addunyaa Saffisiisuu, Misooma Magariisaa Afrikaa Faayinaansiin Deeggaruu” jedhuun Qaammee 3-5, 2017’tti gaggeeffama.

Itiyoophiyaan bu’uura mata duree Kanaan hojiilee jijjiirama qabeenya qilleensaaf furmaata ta’an hojjechaa jiraachuu ishee hirmaannaa egzibiishinii irratti taasifneen obboleewwan keenya Afrikaanotaaf ibsineerra jedhan.

Finfinneen hojiilee waloon guddachuufi dhaloota egereef hojjechuun muuxannoo ta’uu danda’an qabattee dhiyaachuus ibsaniiru.

Kabajamtoonni keessummoonni keenya Finfinneen mana keessan ishee mijattuudha, karra badhaadhinaa keessani, dhuftanii waliin mari’achuun keenya egeree Afrikaanotaaf bu’uura kaa’uudha jedhaniiru ergaa isaaniin.

Jiraattonni magaalichaas hanga yaa’ichi xumuramuufi keessummoonni deebi’anitti tumsaafi aadaa keessummaa simachuu isaanii cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment