Finfinnee, Hagayya 26, 2017 (FMC) –Adeemsi ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa dadhabsiisaa ta’us firiin isaa gammachiisaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi deebii addaa ‘Duudhaa Gubaarraa’ jedhuun taasisaniin, Adeemsi ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa dadhabsiisaa, hirmaachisaa, dhiphinaa fi addunyaa walnyaachisaa ture jedhan.
Yeroo Qormaataa fi morkii hedduu dabarse jechuun eeran.
Mana Maree Nageenyaa dabalatee qaamoleen garaagaraa dhimma hidhichaarratti mari’achuu himuun, Itiyoophiyaan ijaarsa isaa akka dhaabdu akeekkachiifnii fi sodaachisoon adda addaa taasifamaa akka ture ibsan.
Hojiilee guyyaa guyyaan raawwatamurratti dhiibbaan gargaraa godhamaa ture jedhan Dooktar Abiy turtii isaaniin.
Dhaabbileen idil-addunyaa pirojektoota akka Hidha Haaromsaatiif liqii fi gargaarsa kan hin kennine ta’uu eeranii, biyyoonni qabeenya fedhii isaanii walsimsiisuu hin dandeenye hanqina qabeenyaatiin duubatti hafuu himan.
Abbayitti fayyadamuu dhabuun keenyaa gaabbii bara dheeraa ta’uu dubbachuun, haa ta’uutii Abbayyaan bishaan, Biyyoo fi Qorxummii qofa osoo hin taane Warqee keenya fudhatee imalaa ture jedhan.
Adeemsi ijaarsa isaa dadhabsiisaa ta’uu ibsuun, firiin isaa garuu daran gammachiisaadha jechuun eeran.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.