Finfinnee, Guraandhala 21, 2018(FMC)- Adwaan ayyaana injifannoo qabsoo farra kolonummaa cimsee dha jedhan Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee.
Finfinneetti kan argamu Giddugalli ‘Global Black’ jedhamu walga’ii isaa man maree kan waggaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti geggeessaa jira.
Pirezidaanti Taayyeen waltajjicha irratti ergaa dabarsaniin, Injofannoon Adwaa qabsoo garra kolonummaa biyyoonni Afrikaa biroo geggeessaa turan kan kakaase akka ture yaadachiisan.
Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaan seenaa ishee ofiin akka barreessitu fi akka seenessitu kan godhe akkasumas aadaa fi ambaan Itiyoophiyaa dhaloota itti aanutti akka darbuuf kan gargaare ta’uu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopi