Finfinnee, Guraandhala 23, 2018 (FMC) –Guyyaan Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa Birbirsa Goorootti argamutti kabajamaa jira.
Adwaan agarsiiftuu tokkummaa fi gootummaa Itiyoophiyaanotaati jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Itiyoophiyaanoonni faayidaa biyyaalessaa, bilisummaa fi birmadummaa biyyaarratti ejjennoo hin jijjiiramne qabaachuu kan mul’iseedha jedhan.
Kabajaa fi faayidaa biyyaalessaaf tokkummaan dhaabbachuu isaaniin Itiyoophiyaa baraaruu danda’uu eeran.
Har’as garaagartee jiru marii fi marabbaan furachaa faayidaa biyyaalessaaf tokkummaan dhaabbachuun murteessaa ta’uu yaadachiisan.
Adwaan mana barumsaa gootummaa fi imala badhaadhinaaf ammoo galaa ta’uu ibsan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.