Finfinnee, Guraandhala 23, 2018 (FMC) –Adwaan injifannoo baandaawwan illee bilisoomseedha jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.
Guyyaan Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan mata duree “ Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti” jedhuun haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.
Injifannichi ummata gurraachaa kan boonse, faashistoota ammoo kan qaanesse injifannoo addaati jedhen Fiild Maarshaal Birhaanuun saganticharratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Adwaarratti kan mo’ame gita bittaa faashistii Xaaliyaaniiti malee ummata Xaaliyaanii akka hin taane hubatamuu akka qabu kaasan.
Injifannichi ummata Itiyoophiyaa fi gurraachaa qofa osoo hin taane injifannoo baandawwan illee bilisoomseedha jedhan.
Dhaloonni har’aa gootummaa abbootiirraa dhaaluun biyya diinoota keessaa fi alaarraa tiksuu akka qaban dhaaman.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.