Finfinnee, Qaammee 3, 2017(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy AhimadAfrikaan addunyaa duratti dandeettii jijjiirama fidu qabattee dhiyaachuu qabdi jedhan.
Yaa’iin Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaan mata duree “ Furmaatawwan Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Idil-addunyaa Saffisiisuu, Misooma Magariisaa Afrikaa Faayinaansiin Deeggaruu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa waltajjicharratti dabarsaniin, rakkoolee teeknooloojii, yeroo fi faayinaansii maqsuuf dandeettii qabnu fayyadamuun amma eegaluu qabna jedhan.
Afrikaan ardii lafa qonnaa gabbataa hojiirra hin oolle kan ofiisheefi addunyaa sooruu danda’u akkasumas maddeen anniisaa hooromfamaa hedduu kan qabdu ta’uu eeraniiru.
Nuti Afrikaanonni asitti kan walitti qabamneef jijjiirama qabeenya qilleensaan walqabatee dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuu keenyaaf osoo hin taane dandeettii mataa keenyaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf deebii kennuufi jedhan.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoota torba dura eegalameen hanga ammaatti biqiltuu biiliyoonni 48 ol dhaabbachuu yaadachiisanii, Itiyoophiyaan sirna nyaataan of danda’uurra darbitee bu’aa gara alaatti erguuf ishee dandeessise galmeessisuus ibsaniiru.
Afrikaan qabeenya qabduun sirna nyaataan of danda’uurra darbitee addunyaa biroof erguuf dandeettii qabaachuu kaasanii, kan dhugoomsuuf tattaaffii taasisuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan bara faranjootaa 2027’tti Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Addunyaa 32ffaa gaggeessuuf kaadhimamtuu waan taateef hawaasni idil-addunyaa gara Finfinnee dhufuun yaa’icharratti akka hirmaatuuf gamanumaan affeeraniiru.
Masaafint Birilleen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.