Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) –Afrikaan baatiwwan 40’n itti aanaan keessatti Xaa’oo biyyoo alaa galchuu ni dhaabdi jedhan Abbaan Qabeenyaa lammiin Naayijeeriyaa Aliikoo Daangooteen.
Afrikaan xaa’oo alaa galchuuf sharafa alaa olaanaa ta’e baasaa jirti jedhan Aliikoo Daangooteen Walga’ii Baankii Afriiekziimii Naayijeeriyaa magaalaa Abuujatti gaggeeffameratti argamuun haasawa taasisaniin.
Afrikaan oomisha Xaa’oon akka of dandeessu dhaabbanni isaanii Doolaara biiliyoon 2.5 ramaduun xaa’oo oomishuutti galuuf ta’uu dubbatan.
Kunis biyyoonni Afrikaa xaa’oon akka of danda’an kan dandeessisu ta’uu eerun, baatiwwan 40’n itti aanaan keessa biyyoonni Afrikaa Xaa’oo alaa galchuu ni dhaabu jedhan.
Dandeettii biyya keessaa cimsuun wabii nyaataa Afrikaa mirkaneessuu fi diinagdee cimaa ijaaruuf qooda olaanaa qabaachuu kaasan.
Dhaabbatichi Xaa’oo oomishuu eegaluuf xumura bara Faranjootaa 2025 gurgurtaa Aksiyoonii kan eegalu ta’uu ibsan.
Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.