Afrikaatti hiyyummaa fi hojii dhabdummaa hir’isuuf murannoo qabatamaatu barbaachisa – Af yaa’ii Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Caamsaa 11, 2017 (FMC ) – Afrikaatti hiyyummaa, hoji dhabdummaa fi loogummaa hir’isuuf biyyootarraa murannoo qabatamaa fi tumsi cimaan kan barbaachisu ta’uu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon ibsan.

Walga’iin Ardii Ogeeyyii hojiirraa Dhaabbata Hojii Addunyaa 20ffaan Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Afyaa’ii Taaggasaan waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, walga’ichi imaammata baastotaa fi ogeeyyii kalaqaa Afrikaarratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsuun, hiyyummaa hir’suu fi dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf kan gargaarudha jedhan.

Kaayyicha milkeessuuf tattaaffiin waloo biyyoota hundaa kan barbaachisu ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan dhimmicharratti kutannoo qabaachuu hubachiisaniiru.

Itiyophiyaan tattaaffii naannawaa fi Idil Addunyaa akkasumas sagantaalee hojii biyyaalessaan daldalaa fi Invastimantiif haala mijataa uumuuf murannoo qabdu ni mul’isas jedhan.

Imaammata, Tarsiimoo misoomaa akkasumas qabeenya bu’uuraalee misoomaa, carraa hojii uumuu fi jijjiirama hirmaachiisarratti kan hundaa’e ta’uu akeekaniiru.

Afrikaan qormaatiilee fi carraa qabdu sirnaan fayyadamuuf hojirra oolmaa tumsaarratti xiyyeeffate akka barbaachisus hubachiisuu TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment