Finfinnee, Amajjii 10, 2017 (FMC) –Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan Ayyaana Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahe dabarsaniiru.
Aadde Sa’aadaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin,ayyaanni Cuuphaa yaadannoo cuuphaa Kiristoos sababeeffachuun, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti waggaa waggaan ayyaanota kabajaman keessaa tokkodha jedhan.
Akka barsiisa amantaa Kiristaanaatti, Kiristoos ilmaan namaa cubbuuttii fayyisuuf gara biyya lafaa dhufe.
Namoonni hundis cuuphamuu isaaniin dhiifamniifi araarri rabbiin biraa kan kennamuuf ta’uu barsiisaa ture.
Kiristoos, sirna cuuphaa kana raawwachuunis fakkeenya ta’ee argame.
Cubbuu ilmaan namaaf dhiifamnis taasifame.
Biyya lafaarrattis nagaan, araarri, jaalalliifi tokkummaan dhala namaa gidduu akka jiraatuuf hiree kenne.
Hundaa’ol, fakkeenya rabbiin kan uumame dhalli namaa garaagarummaa tokko malee waliin akka jiraatuuf, hariiroo obbolummaa dhugaafi waloomaa cimsee barsiisaafi gorsaa ture.
Duudhaaleen ummanni keenya jiruufi jireenya isaa keessatti qabuufi sonawwan ittiin jiraachaa ture walitti ida’amanii hariiroo obbolummaa keenya caalmaatti kan jabeessanidha.
Sabdaneessummaa dagaagsuun, seenessa waloo bu’uura qabsiisuuf hojjechaa kan jiru Mootummaan Badhaadhinaas, horataaleefi falaasama aadaafi duudhaa ummanni keenya dhalootaa dhalootatti ceessisee har’aan gahe jabeessee itti fufsiisuuf cimsee hojjechuu irratti argama.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, qaroomina ummata keenya kaleessaa deebisee ijaaree, dhaloota har’aan karaa walsimuu danda’uun bu’uura qabsiisee, dhaloota egereef ammoo galfata kaa’ee darbuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Sababiin isaas, utubaan ijaarsa biyyaa walitti hidhamiinsa dhalootaa irraa madda. Aadaa, duudhaa, seenaafi eenyummaa hawaasni keenya kaleessaa, har’aafi boruu waliin qooddachaa ture walitti hidhee biyya gaggeessa.
Yaadama tarkaanfataafi abjuu waloo qabannee, waadaa ummata keenyaaf galle sirnoomsuun hojjechuudhaan injifannoowwan imala keenya boruuf murteessaa ta’an galmeessaa sadarkaa har’a irra jirru irra geenyee jirra
Borus, bu’aawwan argaman qindeessinee, hojii hunda aadeffannee milkaa’ina olaanaa galmeessuuf kan hojjennu ta’a.
‘Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu’ akkuma jedhamu, galmi keenya ijoon dantaafi faayidaa ummata keenyaa mirkaneessuudha.
Ijaarsi biyyaa ammoo, tokkummaa lammiileen galma gaha. Lammiin hundi, qindoomee guddina biyyaaf tumsuu yoo danda’e, daandiin guddinaa qabanne yeroo gabaabaa keessatti dhugooma.
Kanaaf, qaamoleen waliigaltee taasifame hordofee waamicha nagaa mootummaan taasise filachuun galtan, boqonnaa haaraa daandii nagaa saaquun kanneen hafaniif fakkeenyummaa qabdan gochaan warra mirkaneessitanidha.
Ijaarsa sirna Federaalizimii Sabdaneessaan diimokiraasii dagaagsuu, duudhaalee obbolummaafi tokkummaa walqixxummaa cimsuu, diiplomaasii birmadummaafi dantaa biyyaa kabachiisu hordofuu, sirna dinagdee dam-daneessaa ijaaruufi fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee hundaaf mirkaneessuu keessatti hojiiwwan hojjetamaa turan qaama injifannoo keenya kaleessaafi muuxannoowwan milkaa’ina hojii keenya boruuf galtee guddaa ta’anii tajaajilanidha.
Misooma waaressuun badhaadhina maatiifi waloo dhugoomsuuf hojiin sadarkaa hawaasaatti jalqabame cimee akka itti fufuuf, ijaarsi mootummaa Gandaa bara kana gaggeeffame, sirna ijaaraa jirruuf utubaa, mootummaa cimaa bu’uura ummataa qabu Ganda irratti ijaaruuf hojii hojjechaa jirruuf ammoo lafee dugdaa ta’ee tajaajila.
Caffeen Oromiyaas, hojii bakka bu’ummaa ummataa Heeraafi Seeraan kennameef bu’uura godhachuun, fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf, waadaa gale amanamummaafi miira aantummaa ummattummaa gonfateen hojjechaa kan tureefi borus hojii qabatamaan kan hojjetudha.
Galmoonni Badhaadhinaa sadarkaa hundatti mirkanaa’uu kan danda’an, hirmaannaa ummataan utubamee, milkaa’inoota keenya qabannee, hanqinaalee raawwii keessatti nu mudatan irraa barannee, hojii dameewwan misoomaa hunda irratti jalqabne xiiqiin itti fufsiisuun guddina biyyaafi naannoo keenyaa ariifachiisuun mul’ata badhaadhinaa qabanne qindoominaa waloon milkeessuuf kan hojjennu ta’uu carraa kanaan dhaamsakoo dabarsaa, ayyaanni kun kan nagaa, jaalalaafi badhaadhinaa akka isiniif ta’uu hawwiin qabu ibsaa, irra deebi’uun, Baga Ayyaana Cuuphaa Nagaan geessan!
Sa’aadaa Abdurrahmaan
Afyaa’ii Caffee Oromiyaa
Amajjii 10 Bara 2017
Finfinnee